Lixa Shaggar Aanaa Ilfataatti waraanni faashistii PP dabballoota aanaa of dura oofuun manneen qotee bulaa Oromoo 5n abiddaan gubuun barbadeessan.
( ONM-ABO Waxaabajjii 3,2022 )
Lixa Shaggar aanaa Ilfataatti duula sakattaa jechuun murni maafi’aa PP fi dabballeen isaanii sochii bal’aa erga eegalanii ji’oota lakkoofsisaa jira.
Duula isaanii kanaan gandoota hedduu keessatti irra deddeebiin kasaara cimaa irraan ga’amaa jira.
Aarii miidhaa gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo irraan ga’aa jiruun manni qotee bulaa Oromoo fi qabeenya mana keessa waliin abiddaan barbadaa’a akkasumas lubbuun namoota nagaas ajjeefameera.
Itti dabaluunis qabeenyi hedduuminaan saamamaa fi yakkoonni mirga namoomaa adda addaa uummata nagaa irratti raawwataa jira.
Waxabajjii 1,2022 galgala sa’a 2:00 irraa eegaluun ona Ilfataa ganda Dirree Bareedaatti manneen qotee bulaa Oromoo obbo Darajjee Hirphaa, Daboo Hirphaa, obbo Dhufeeraa Dabalaa fi Warqinaa Gashoo yoo guban ganda Ambaltaa Godeettiitti ammoo mana obboo Shifarraa abiddaan gubuun barbadeessan.
Manneen uummataa abiddaan gubate kana keessa qabeenyi mana keessaa tokkoyyuu kan hin baanee waliin kan gubate yoo ta’u huccuu uffannaa fi midhaan nyaata malee hafuun rakkoof saaxilamanii jiru.
Warreen manni jalaa abiddaan barbadaa’e kun balleessa qabaatanii osoo hin taane waanuma Oromoo ta’aniif qofa mana, huccuu fi waan nyaatan malee hambisuun maatii hedduu rakkoo hamtuuf saaxiluu isaanii maddeen keenya aanaa Ilfataatii Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himaniiru.

