Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar Aanaa Ilfataatti manneen Qotee Bultoota Oromoo  gubuun akkuma itti fufetti jira

Godina Lixa Shaggar Aanaa Ilfataatti manneen Qotee Bultoota Oromoo  gubuun akkuma itti fufetti jira.

ONM-ABO Hagayya 6,2022- Faashistoonnii fi dabballootni sirna dulloomaa impaayeera Itoophiyaa miidhaa uummata irraan ga’an hojii idilee erga godhatanii bubbulaniiru.

Miidha kanaan uummata nagaa lubbuu ajjeesa, qabeenya isaa saamaa fi abiddaan barbadeessuun gochaa hammeenyaa fib daba hiriyaa hin qabne dalagaa jiru.

Hagayya 4, 2022 lixa Shaggar aanaa Ilfataa ganda Gussoo Mikaa’elitti ganama bariin yaa’ani mana qotee bulaa Oromoo Dajanee Magarsaa fi Alamuu Magarsaa kan jedhaman abiddaan barbadeessuu isaanii maddi keenya ona Ilfataa ganda Gossootii Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himeera.
 
Akka maddi keenya kun himetti warreen manni jalaa gubate kunniin hawaasa biratti ulfina malee jibba kan hin qabne yoo ta’an waanuma Oromoo ta’anii fi uummatni isaan jaalatuuf maatii isaanii olii fi gad jalaa facaasuun nyaata, uffataa fi dawoo malee hambisan.

Qabeenya mana keessaa dabalatee midhaan nyaatamu tokkoyyuu kan hin baafanne maatiin kun, yeroo ammaa daa’ima xixiqqaa qabatanii harka namaa ilaalanii jiraachuuf dirqamanii jiru.
 
 Torbee darbe kana qofa manni qotee bulaa Oromoo 8, kan obboo Taaddasaa Caalcisaa, Guddataa Lammeessaa, Lammaa Guddataa, Darajjee Awwaqaa, Darajjee Awwaash, Bojaa Fufaa, Salamoon Nugusee, Moosisaa Guddisaa fi Lishuu Moosisaa, qabeenya mana keessa waliin gubatee jira.

Kana malees torbee dhuma darbe kana keessa ganda Gossoo Mikaa’el kanatti Qotee bulaa Oromoo obbo Kurruu Izgiisaa nama jedhamu manaa baasanii kan ajjeesan  ta’uu dabaluun kan nuu hime maddi keenya roorroo hamtuuf saaxilamaa jiraachuu isaanii fi roorroo kana jalaa tokkummaa jabeessuun falmachuu qofa akka ta’e ibseera.

Exit mobile version