Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kibba Lixa Shaggar Aanaalee hedduu keessatti murnoota PP’n jiraattota irratti saamichaa fi qabanii leenjiitti guuruun cimee itti fufe

ONM-ABO Muddee 20, 2024 

Jiruu fi jireenya uummataa balleessuun of ijaaruutti kan jiran tiksitoonni impaayerattii Oromiyaa goleewwan hedduu keessatti Uummanni ba’ee hojjetatee galuuf murna Bilxiginnaan wabii dhabaa jiraachuun barameera.

Maqaalee garaa garaa itti maxxansuun hidhuu, saamuu fi ajjeesuu kan adeeffate murni Bilxiginnaa ammas kan yeroo kamiyyuu caalaatti afaan qawween doorsisee saamuu irra darbee maqaa gibiraan saamicha daangaa darbe geggeessaa jira.

Kibba Lixa Shaggar aanaa Walisoo keessatti nama tokko irraa qarshii 15,000 fuunanuun kan hin qabnu jedhan immoo hidhaatti darbachaa jiru. 

Keessumaa godinichuma aanaa Wancii gandoota akka, Dhaadhee fi Waandiimtuu keessatti torbanoota lamaaf namoota humnaan leenjii milishummaatti kan guuran oggaa ta’u, sababa kanaaf uummanni mana baqatee bakkeetti rakkachaa jiraachuu maddeen dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeraniiru.

Exit mobile version