ONM-ABO Ebla 5, 2025
Dhala namaaf naasuu tokkollee kan hin qabnee fi garaa isaanii guuttachuuf jecha ilmaan hiyyeessaa dhiiga boossisaa kan oolan jaleewwan Bilxiginnaa, dararaa hawaasa nagaa irratti raawwachaa jiran daran hammeessuun, godina Lixa Shaggar aanaa Daannoo bulchiinsa magaalaa Daannoo Roggee keessatti Ebla 2, 2025 maqaa miliishaadhaaf rasaasa bituu qabdu jedhuun uummata harka qalleeyyii irratti saamicha, hidhaa fi dararaa garaa garaa geggeessaa turuu maddeen ONM’f eeran.
Namoota haala kanaan saamichi irratti geggeeffamaa ture keessaa kanneen ammaaf maqaan isaanii nu ga’e:
- Qoroo Taaddasaa irraa qarshii 5000,
- Abbabaa Geddeelloo irraa qarshii 5000,
- Daanyee Gesheree irraa qarshii 5000,
- Qalbeessaa Camadaa irraa qarshii 5000 fi
kanneen ammaaf maqaan isaanii nu hin qaqqabne hedduu irrattis bifuma wal fakkaatuun saamichi daangaa darbe irratti geggeeffamaa turuun beekameera.
Itti fufuun guyyaadhuma kana jiraataadhuma gandichaa kan ta’e ogeessa fayyaa kilinika dhuunfaa isaa banachuun hawaasa taajajilu nama maqaan isaa:
- Araarsaa Addunnaa jedhamu
maqaa sobaa Waraana Bilisummaa Oromoof qoricha dhiiyeessita jedhu itti maxxansuun bakka hojii isaatii qabuudhaan waajjira poolisii aanichaatti hidhanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

