Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar Aanaa Daannoo keessatti hidhaa fi dararaan murna maafiyaa PP’n hawaasa nagaa irratti geggeeffamu cimee itti fufe

ONM-ABO Ebla 1, 2025 

Lixa Shaggar aanaa Daannoo ganda Baabboo Gasasoo keessatti Jaleewwan Bilxiginnaa Bitootessa 29, 2025 hawaasa nagaa nama maqaan isaa;

  1. Obbo Gulummaa Asaffaa jedhamu maqaa hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qaba jedhu itti maxxansuun badii tokko malee qabanii hidhuudhaaf mana jireenyaa isaa cabsanii ol seenuudhaan, wayita isa manaa dhaban qabeenyaa mana keessaa guutummaan guutuutti erga saamaniin booda mucaa isaa kan taate; 
  2. Faantuu Gulummaa kan jedhamtuu fi haadha warraa isaa irratti reebicha ulfaataa raawwatanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka maddeen himanitti mucaan isaa kan reebichi irratti raawwate kunis yeroo ammaa Hospitaala Geedoo keessatti du’aa fi jireenya gidduu jiraachuu himuun, waraanni sirna dhableessi PP kun daba hagas hin jedhamne uummata nagaa irratti geggeessaa jiraachuus itti dabaluun ONM’f eeraniiru.

Koloneel Abiy Ahimed gammachiisuuf jecha, ilmaan hiyyeessaa boossisuu hojii idilee isaanii kan taasifatan, ergamtoonni Bilxiginnaa, maqaa sakattaa Waraana Bilisummaa Oromoo jedhuun golee Oromiyaa maratti bobbba’anis lolaan WBO dura dhaabbachuu dadhabuu irraan kan ka’e, sababoota sobaa garaa garaa maqaa dhahachuun hawaasa nagaa irratti sarbamiinsa mirga namoomaa geggeessaa jiru.

Exit mobile version