ONM-ABO Amajjii 6, 2025
Godina Lixa Shaggar aanaa Daannoo ganda Baabboo Gasasoo jedhamu keessaa maqaa hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda jedhuun nama maqaan isaa Maammoo Gizaachoo jedhamu mana hidhaatti darbachuun dararaa ulfaataa irraan gahaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Amajjii 1, 2025 jala deemtonni sirnichaa godinuma kana aanaa Liiban Jaawwii ganda Agalgobboo Basaallee keessaa namoota maqaan isaanii:
- Lachiisaa Dhaabasaa fi
- Abiroo Asheetuu jedhaman
badii tokko malee qe’eef qabeenya isaanii irraa ukkaamsuun hidhanii hiraarsaa jiraachuu maddeen himan.
Aanota kanneen keessatti jaabinoonnii fi waraanni sirnichaa waliin bobba’anii dararaa hammeessuun, jiraattota gandoota baadiyyaa saalaa fi umuriin osoo adda hin baasin cufa isaanii irraa “WBO’f odeessa kennitu” jechuun bilbila harkaa irraa guuraa turuu fi namni kam iyyuu akka hin fayyadamnes ugguranii kan jiran ta’uu maddeen itti dabaluun eeraniiru.

