ONM-ABO Amajjii 30, 2025
Aanaa Iluu Galaan ganda Waddeeyyii Giraanchee jedhamu irraa Amajjii 27, 2025 nama maqaan isaa Namarraa Gammachuu jedhamu ergamtoonni sirnichaa badii tokko malee ukkaamsuun hidhaatti darbatanii garmalee hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, namni kun hojii humnaa ba’aa baachuun rakkatee kan jiraatu ta’uu himuun, milishaa Bilxiginnaa kan ta’e namni maqaan isaa Kadiroo Bulii jedhamu ammoo reebicha hamaa irraan gahuun hidhaatti darbatee jiraachuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Haaluma wal fakkaatuun Amajjii 27, 2025 waraanni maafiyaan PP aanaa Liiban Jaawwii ganda Gaamoo Walisoo keessaa namoota maqaan isaanii:
- Tasfaayee Asaffaa,
- Qannoo Nabbaraa fi
kanneen ammaaf maqaan isaanii adda hin baane hedduu sababa sobaa “hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhu itti maxxansuun hidhanii dararaa ulfaataa irraan raawwachaa jiraachuu maddeen himan.

