ONM-ABO Amajjii 14, 2025
Impaayera Itiyoophiyaa keessatti Oromoo ta’anii dhalachuu isaanii qofaaf ilmaan Oromoo guyya guyyaan akka bineensa bosonaatti adamfamuun har’allee yakkoonni garaa garaa irratti raawwatamaa jira.
Amajjii 10, 2025 waraanni maafiyaan impaayerattii aanaa Liiban Jaawwii ganda Agalgobboo Basaallee jedhamu keessaa nama maqaan isaa Badhaasaa Waakkennee jedhamu badii tokko malee bakka hojii isaatii qabuun mooraa waraana Bilxiginnaa Godoraa jedhamu keessatti hidhanii garmalee dararaa kan jiran ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, namni hidhame kun siyaasa kam irraa walaba yoo ta’u, leellistoonni sirnichaa ammoo maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jedhu itti maxxansuun hidhuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

