Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar Aanaa Liiban Jaawwii keessatti hawaasa nagaa mana hidhaatti guuruun cimee itti fufe

ONM-ABO Onkoloolessa 19, 2024  

Umurii  aangoo isaa dheereffachuu fi dheebuu barcuma siyaasaa qabu eeggachuuf jecha uummata Oromoo garbummaa jalatti cafaqee bulchuu kan barbaadu murni koloneel Abiy Ahimediin durfamu bilxiginnaan, goleewwan Oromiyaa mara keessatti loltoota isaa maqaa sakattaa Waraana Bilisummaa Oromoo jedhuun bobbaasuun uummata nagaa hidhuu, ajjeesuu, saamuu fi yakkoota gara jabinaa garaa garaa irratti raawwachuu jabeessanii itti fufanii jiru.

Haaluma kanaan godina Lixa Shaggar aanaa Liiban Jaawwii keessatti hawaasa nagaa mana hidhaatti guuruun cimee itti fufee jiraachuun ibsamee jira.

Onkolooleessa 15, 2024 waraanni maafi’aa impaayerattii aanaa Liiban Jaawwii ganda Agal Gobboo Basaallee jedhamu keessaa namoota maqaan isaanii:

Shamarree Galaanee Sassaabaa,

  1. Caalittii Sassaabaa,
  2. Dargaggoo Mizgee Baqqalaa,
  3. Caalaa Nagaasaa fi
  4. Daloo Dajanee kanneen jedhaman badii tokko malee qabanii mana hiraarsaatti darbachuun dararaa hamaa irraan ga’aa jiraachuu maddeen Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himanii jiru.

Maddeen itti dabaluun, tibba kana murni nama nyaataan PP kun maqaa duula sakattaa WBO jedhuun godina Lixa Shaggar aanota adda addaa irraa quunnamtii addaan kutuun sagaleen hawaasaa akka hin dhaga’amneef dhoksaatti uummata nagaa irratti gochoota dabaa garaa garaa raawwachaa jiraachuus dubbataniiru.

Exit mobile version