Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni goolessituun Bilxiginnaa, Godina Lixa Shaggar Aanaa Liiban Jaawwii keessatti uummata nagaa mana hidhaatti guuraa jiraachuun beekame

ONM-ABO Muddee 23, 2024 

Umurii aangoo isaa dheereffachuu fi dheebuu barcuma siyaasaaf qabuuf jecha hawaasa nagaa dararaa kan oolu murni nama nyaataan PP golee Oromiyaa mara keessatti maqaa “sakattaa Waraana Bilisummaa Oromoo” jedhuun uummata nagaa hidhuu, ajjeesuu, saamuu fi dararuu jabeessee itti fufee jira.

Aanaa Liiban Jaawwii ganda Aggal Gobboo Basaallee jedhamu keessatti loltoonni impaayera jiguu geesse tiksuuf ifaajan obboleeyyan lamaan kanneen maqaan isaanii:

  1. Hinnuu Dajanee fi
  2. Hibbuu Dajanee jedhaman badii tokko malee mana hidhaatti darbachuun dararaa hamaa irraan geessisaa jiraachuu maddeen ONM’tti himaniiru. 

Akka maddeen jedhanittii “obboleeyyan lamaan kun loltoota impaayerattiin badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkamanii mana hidhaatti darbatamuun dararamaa jiru” jechuun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version