ONM-ABO Bitootessa 28, 2025
Ergamtoonni faashistii PP gocha seeraan alaa hawaasa nagaa irratti geggeessaa jiran cimsanii itti fufuun, Bitootessa 25, 2025 aanaa Iluu Galaan ganda Waddeeyyii Giraanchee fi aanaa Liiban Jaawwii ganda Agalgobboo Basaallee keessatti maanguddootaa fi hawwan dabalatee jiraattota hedduu maqaa ilmaan keessan bosonaa hanga galchitanitti qe’ee fi qabeenyaa keessan irra jiraachuu hin dandeessan jedhuun hidhaatti guuranii dararaa jiraachuu maddeen ONM’tti himan.
Haaluma kanaan aanaa Iluu Galaan ganda Waddeeyyii Giraanchee keessaa namoota hidhamanii jiran keessaa kanneen ammaaf maqaan isaanii nu ga’e:
- Aadde Koorsee Qalbeessaa haadha ilmaan 5
- Obbo Abshiiruu Siraaj maanguddoo ganna 75
- Obbo Dajanee Guddisaa maanguddoo ganna 65
- Aadde Qalbiisee Cimdeessaa nama ganna 55
- Dargaggoo Lammaa Dhibbisaa
- Girmaa Dhugaasaa kanneen jedhamanii fi kanneen maqaan isaanii ammaaf adda hin baane hedduun jiraachuun beekameera.
Haaluma wal fakkaatuun aanaa Liiban Jaawwii ganda Agalgobboo Basaallee keessaas Bitootessa 24, 2025 Waraanni faashistii PP maanguddoo maqaan isaa; Obbo Lachiisaa Galmeessaa jedhamu maqaa ilma keetu bosona jira jedhuun badii tokko malee qabanii hidhuudhaan reebicha hamaa irraan ga’aa kan jiran yoo ta’u, maanguddoon kun yeroo ammaa haalli fayyummaa isaa haala yaaddessaa keessa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

