Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar Aanaa Iluu Galaan keessatti tiksitoonni sirnichaa hawaasa nagaa umurii fi saalaan osoo adda hin baasin hidhaatti guuraa jiraachuun dhaga’ame

ONM-ABO Bitootessa 25, 2025 

Murni naasuu tokkollee dhala namaaf hin qabne Bilxiginnaan gocha hammeenyaa uummata Oromoo irratti geggeessaa jiru jabeessee ittuma fufuun, godina Lixa Shaggar aanaa Iluu Galaan ganda Waddeeyyii Giraanchee keessatti maqaa “ilmaan keessantu bosona jiraa” fi “WBO’f odeessa laattu” jedhuun jiraattota gandichaa cufa saalaa fi umuriin osoo adda hin baasin hidhaatti guuraa kan jiru ta’uu jiraattonni gandichaa dubbisne tokko tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Haaluma kanaan, Bitootessa 22, 2025 maanguddoota ganna 65 olii 2 fi dargaggoo tokko hidhanii rakkisaa jiru.

Namootni hidhaman kunis: 

  1. Aadde Fedhashii Irraandhufaa maanguddoo ganna 70,
  2. Obbo Shuumaa Guddisaa maanguddoo ganna 65 fi
  3. Dargaggoo Shoolee Biraanuu ta’uun barameera. 

Akka maddeen himanitti, namoonni kunneen siyaasa kam keessa kan hin jirre yoo ta’an, isaan keessaas Obbo Shuumaan dhukkubsatanii osoo hospitaala riiferaala Naqamteetti yaalamaa jiranii maqaa “ilma keetu bosona jira” jedhuun qabanii waajjira poolisii magaalaa Ijaajjii geessuun kan hidhan yoo ta’u, yeroo ammaa kanas haalli fayyummaa isaanii sadarkaa yaaddessaa irra jiraachuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Exit mobile version