ONM-ABO Bitootessa 11, 2026
Godina Lixa Shaggar aanaa Iluu Galaan ganda Meettaa Kidaana Miratii keessatti lukkeeleen Bilxiginnaa Dilbata darbe jechuun Bitootessa 8, 2026 manneen jiraattota gandichaa cufa irra deemuun maqaa “nyaata miliishaa” jedhuun buddeen ija 1kudhan kudhan fi midhaan callaa kiiloo kudha shan shan dirqamaan guuraa turuu maddeen ONM’f eeraniiru.
Bifuma wal fakkaatuun aanichuma ganda Abakuu Aannoo keessatti ammoo maqaa “leenjii waraanummaa” jedhuun hidhattoonni sirnichaa jiraattota gandichaa umrii fi saalaan osoo gargar hin baasin akka bineensaatti adamsaa waan tureef hawaasni qe’eef qabeenyasaa dhiisee bosonatti baqachaa kan jiru yoo ta’u, lukkeeleen Bilxiginnaas bosona keessa deemuun hawaasa irratti dhukaasaa jiraachuu jiraataan gandichaa tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Akka maddeen himanitti aanicha keessatti dararaan addatti ilmaan Oromoo irratti xiyyeeffatee deemaa jiru haalaan hammaatee jiraachuu himuun, jiraattonni gandoota baadiyyaa aanicha jala jiranii yeroo ammaa sababa rakkoo nageenyaaf ba’anii galuun yaaddessaa ta’eera jechuun haala uummanni keessa jiru addeessaniiru.
Dinagdee uummata Oromoo quucarsuun uummaticha akka fedhetti gabrummaa jalatti cafaqee bulchuu kan barbaaduu fi gama birootiin ammoo sodaa hurrii lolaa qilleensa impaayerattii haguugee jiruun ilmaan Oromoo dirqamaan gara mooraa leenjii sirnichaatti guuraa kan jiru Bilxiginnaan guutuu Oromiyaa keessatti sarbama mirga namoomaa hawaasa meesha maleeyyii irratti raawwachaa jiraachuun kan beekamudha.

