ONM-ABO Bitootessa 24, 2025
Bitootessa 21, 2025 Waraanni sirna dhableessi impaayerattii aanaa Iluu Galaan ganda Waddeeyyii Giraanchee keessaa hawaasa nagaa kanneen maqaan isaanii:
- Biraanuu Taaddasaa,
- Goobanaa Addunyaa,
- Fayyisaa Miijanaa,
- Mirreessaa Caalaa,
- Taaddasaa Waaqgaarii fi
kanneen ammaaf maqaan isaanii nu hin qaqqabne hedduu sababa leenjii waraanummaa jedhuu fi gibira kaffaluu diddan jedhuun badii tokko malee hidhee hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeran.
Gochi dabaan kun nama tokkoo fi lama irratti osoo hin taane guutummaa jiraattota gandichaa irratti raawwachaa kan jiru ta’uu himuun, adda durummaan uummata nagaa kan dararaa jiru ammoo bulchaa gandichaa nama maqaan isaa Dabalaa Gaaddisaa jedhamu akka ta’es itti dabaluun ONM’f eeranii jiru.
Barcuma aangoo siyaasaa nam-tokkeee tiksuu fi impaayera jiguuf raafamaa jirtu utubuuf jecha sarbamiinsa mirga namoomaa uummata Oromoo irratti geggeessaa kan jiran jaleewwan Bilxiginnaa, golee Oromiyaa mara keessatti sababoota sobaa garaa garaa maqaa dhahachuun jiruu fi jireenya ilmaan Oromoo goolaa jiraachuun kan beekamuudha.

