Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar Aanaa Iluu Galaaniitti loltoonni Abiy Ahimed hawaasa nagaa hidhaatti darbachuu hammeessan

ONM-ABO Bitootessa 31, 2025 

Aanaa Iluu Galaan ganda Tulluu Adiyyootti Bitootessa 27, 2025 namoota maqaan isaanii;

  1. Goosaa Asaffaa,
  2. Shaashituu Taadddalee,
  3. Tuuchoo Geebboo,
  4. Daamolee Tashaalaa,
  5. Zaaraa Zeenuu fi 
  6. Goobanaa Taaddasaa jedhaman 

tiksitoonni impaayerrattii badii tokko malee ukkaamsuun hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Namoonni kunneen deggertoota siyaasaa garee kamiiyyuu kan hin taanee fi sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkamuun kan hidhaman ta’uu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ifoomsanii jiru.

 Uummanni Oromoo bara dhufaa darbaan saboota kan biroo impaayerattii keessa jiraatan irraa addatti mirgi abbaa biyyummaa isaa irraa mulqamuun ergamtoota sirnichaan dararaa ulfaataan irratti raawwatamaa jira.

Exit mobile version