Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Hurrumuutti jiraattonni rakkoo ulfaataa keessa jiraachuun ibsame

ONM-ABO Bitootessa 29, 2025 

Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Hurrumuu ganda Oggeetiitti Bitootessa 24, 2025 loltoonni sirnichaa hawaasa nagaa humnaa fi afaan qawwee isaaniitti fayyadamanii gara leenjii waraanaatti guuraa turuu fi kanneen leenjii didan ammoo gara mana hidhaatti guuraa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru. 

Namoota fedhii isaanii malee waraana garboomfataa PP’n ukkaamfaman kanneen maqaan nu ga’e; Obbo Xayibuu Mohaammadii fi Obbo Saalii Abdurramaan kanneen jedhaman yommuu ta’an namoota kana mana hidhaatti darbachuun dararaa ulfaataa irratti raawwachaa jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru. 

Namoonni adda durummaan gocha jibbisiisaa fi farra uummataa ta’e kana jiraattota irratti raawwachaa jiran komaandar Nagaasaa fi itti aanaa isaa Jambaree kanneen jedhaman ta’uun barameera. Jarreen kun uummata onichaa bahaa fi gala dhorkanii saamicha, hidhaa fi ajjeechaa gara jabinaan guutame irratti raawwachaa akka jiran ibsameera.

Exit mobile version