Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Iluu Abbaa Booraa Aanaa Daarimuu gandoota garaa garaa keessatti hidhaa fi dararaan hidhattoota impaayerattiin hawaasa irratti jabachuun himame

ONM-ABO Fulbaana 17, 2025 

Tiksitoonni impaayerattii godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Daarimuu bakkoota garaa gara keessaa qonnaan bultoota nagaan maatii isaanii geggeeffatan manneen hidhaatti guuraa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Jaleewwan Bilxiginnaa kunneen aanaa Daarimuu ganda Ilaallaa keessaa Fulbaana 15, 2025 namoota maqaan isaanii: 

  1. Nuuraa fi 
  2. Badiruu 

kanneen jedhaman maatii biraa butuun hidhanii dararaa kan jiran yoo ta’u, namoonni kunneen tuttuqaa qaama siyaasaa kam keessaayyuu qooda kan hin qabne ta’uu jiraattonni ifoomsaniiru.

Ganduma Ilaallaa jedhamu kana keessaa haadha maqaan ishee Aadde Jamiilaa Yaadataa jedhamtu kan reef daa’ima deessee torbee lama keessa jirtu, ilmaan isheef lafa tika looniitti nyaata geessuuf oggaa iseen manaa gadi baatu hidhattoonni Abiy Ahimediin bobbaaffaman mandara sana keessa socho’aa osoo jiranii mana ishee biratti itti dhufuun nyaata kana eenyuuf geessita yoo jedhan anoo ilmaan kiyyaafin geessaa jira yoo isheen jettee deebistuuf, ni sobda WBO’f geessuuf deemta jechuun reebicha hamaa irratti geggeessuun duuba qawweetiin dugda ishee rukutanii kan cabsaan oggaa ta’u, yeroo ammaa kanatti manneen yaalaa hedduu deemtee furmaata dhabuun daa’ima xiqqaa ishee irraa du’aa fi jireenya gidduu jiraachuu maddeen gabaasan.

Kaabinoonni impaayerattii maatii sabboontotaa diiguu fi mancasuu itti fufuun, jiraataa aanaa Daarimuu kan ta’e namni maqaan isaa Araddaa Kumarraa jedhamu bulchaa ganda Imborroo kan ta’e, dubartii maqaan ishee Amiinaa Tarraffaa jedhamtu abbaa warraa ishee Obbo Ismaa’el nama jedhamu hiisisuun, osoo inni mana hidhaa jiruus haadha warraa isaa kana fuudhuu jiraattonni gandichaa addeessanii jiru.

Exit mobile version