Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar Aanaa Iluu Galaan keessatti hidhaan hawaasa nagaa irratti hidhattoota Bilxiginnaan raawwatu cimee itti fufe

ONM-ABO Ebla 18, 2025 

Murni gara jabeeyyiin PP, Ebla 15, 2025 godina Lixa Shaggar aanaa Iluu Galaan ganda Waddeeyyii Giraanchee keessatti hawaasa nagaa maqaa leenjii waraanummaa jedhuun dirqamsiisanii waajjira poolisii aanichaatti walitti guuraa turuu maddeen ONM’tti himaniiru.

Namoota haala kanaan uukkamfaman keessaa kanneen maqaan isaanii ammaaf nu ga’e:

  1. Obbo Barasaa Bokoraa,
  2. Obbo Tasfaayee Badhaasaa,
  3. Obbo Alamuu Tufee fi
  4. Obbo Tarreessaa Oljirraa 

kanneen jedhaman yoo ta’an, kanneen maqaan isaanii adda hin baane hedduunis akka jiran beekameera.

Jiraattotni gandichaa umurii fi saalaan osoo adda hin baafamin maqaa leenjii waraanummaa fudhattanii biyya eegdu jedhuun dirqamsiifamanii ukkaamfamaa jiran keessaa irra guddeessi maanguddoota ganna 40 olii akka ta’an illee maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Exit mobile version