Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar Aanaa Iluu Galaan keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa jiraattota irratti saamichaa fi dararaa hammeessan

ONM-ABO Waxabajjii 7, 2025 

Gara jabeeyyiin loltoota Bilxiginnaa goleewwan Oromiyaa cufatti akkuma fedhan bobba’uun uummata Oromoo irratti yakkoota garaa garaa raawwachuu itti fufanii jiru.

Haaluma kanaanis Lixa Shaggar aanaa Iluu Galaan ganda Waddeeyyii Giraanchee keessaa Waxabajjii 3, 2025 waraanni Bilxiginnaa nama maqaan isaa Obbo Tamaamuu Abshiiruu jedhamu jalaa badii tokko malee qarshii 37,000 saamanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Kana malees, guyyaadhuma kana gandichuma keessaa namoota maqaan isaanii:

  1. Obbo Jamaal Yaayyaa,
  2. Obbo Goobanaa Gammachuu fi
  3. Obbo Addunyaa Bantii kanneen jedhaman maatii isaanii guutummaa dabalatee reebicha ulfaataa irratti yoo raawwatan,
  4. Obbo Misgaanaa Asaffaa nama jedhamu ammoo afaan qawweetiin mataa isaa baqaqsanii miidhaa ulfaataa irraan gahuun 

yeroo ammaa hospitaala Geedootti yaalamaa kan jiru yoo ta’u, haalli fayyummaa isaas sadarkaa yaaddessaa irra jiraachuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Akka maddeen himanitti, gochoonni akkasii jaleewwan Bilxiginnaan gandicha keessatti irra deddeebiin raawwatamaa kan jiru yoo ta’u, jiraattonnis sababa kanaaf egeree isaaniif yaaddoo guddaa keessa jiraachuu dubbatu.

Exit mobile version