Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar Aanaa Iluu Galaan gandoota adda addaa irraa ergamtoonni Bilxiginnaa jiraattota hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuun himame

ONM-ABO Sadaasa 19, 2024 

Namusaa fi sansakkaa waraanummaa kan hin qabne waraanni sirna dhab-lessi Bilxiginnaa goleewwan Oromiyaa cufa keessaa ilmaan Oromoo hojii dhuunfaa isaanii qofa dalagatanii bulan sobaan yakkanii jumlaan hidhaatti darbachuu, akka bineensa bosonaatti adamsanii ajjeesuu fi saamuu cimsanii itti fufanii kan jiran ta’uun ni beekama.

Akka kanaanis godina Lixa Shaggar aanaa Iluu Galaan keessaa ergamtoonni Bilxiginnaa torban lama dura jiraattota hedduu ukkaamsuun hidhanii dararaa kan jiran yoo ta’u, ganda Meettaa Kidaanamiratii jedhamu keessaa namootni maqaan isaanii:

  1. Obbo Mazgabuu Baqqalaa miseensota maatii isaanii hunda waliin,
  2. Obbo Lachiisaa Taasisaa miseensota maatii isaanii hunda waliin,
  3. Obbo Faanosee Alamaayyoo,
  4. Obbo Shallamaa Tarreessaa,
  5. Obbo Geetaachoo Irranaa miseensota maatii isaanii hunda waliin, 
  6. Obbo Mulaatuu Dabalaa miseensota maatii isaanii hunda waliin akkasumas,
  7. Obbo Haayiluu maatii isaanii hunda waliin badii tokko malee qe’ee fi qabeenya isaanii irraa qabamuun hidhamanii jiru.

Hidhaa kanaanis walumaa galatti namoonni baay’inaan 32 ol ta’an ganda kana irraa gaaffii seeraa tokko malee hidhamanii gar-malee dararamaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Kana malees aanichuma ganda Warjii jedhamu keessaa bifuma wal fakkaatuun jiraattotni maqaan isaanii:

  1. Fayyeeraa Fayisaa,   
  2. Nuuraa Baqqalaa, 
  3. Warquu Maammoo kan jedhamanii fi kanneen biroo hedduu ta’an hidhamanii dararamaa jiraachuu maddeen itti dabaluun himaniiru.
Exit mobile version