Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar Aanaa Iluu Galaanitti ergamtoonni Bilxiginnaa hawaasa nagaa hidhaatti darbachuu hammeessan

ONM-ABO Waxabajjii 13, 2025 

Gara jabeeyyiin loltoota Bilxiginnaa goleewwan Oromiyaa cufatti bobba’uun uummata Oromoo irratti yakkoota garaa garaa raawwachaa jiru.

Bifuma kanaan Lixa Shaggar aanaa Iluu Galaan ganda Waddeeyyii Giraanchee keessaa Waxabajjii 10, 2025 namoota maqaan isaanii:

  1. Obbo Tolasaa Taakkalaa,
  2. Obbo Guddinaa Baldhisaa fi
  3. Obbo Nagaash Musxafaa 

jedhaman ergamtoonni sirnichaa badii tokko malee ukkaamsuun hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuu dubbatu.

Akka maddeen himanitti, namoonni kunneen siyaasa kam irraa walaba ta’uu himuun, isaan keessaas Obbo Tolasaan ogeessa fayyaa mana qorichaa dhuunfaa isaa kan hojjetu yoo ta’u, sababa sobaa “Waraana Bilisummaa Oromoof qoricha dhiheesita” jedhuun yakkamee kan hidhame ta’uus dabaluun himaniiru.

Akkasumas, 

  1. Obbo Guddinaan nama dukkaana dhuunfaa isaa daldaluun maatii isaa jireessuu fi sababa “meeshaalee garaa garaa WBO’tti gurgurta” jedhuun kan hidhame yoo ta’u, 
  2. maanguddoo ganna 70 olii kan ta’e Obbo Nagaash ammoo maqaa “ilma keetu miseensa WBO’ti” jedhuun hiraarfamaa kan jiru akka ta’es addeeffameera.
Exit mobile version