ONM-ABO Gurraandhala 14, 2025
Impaayera Itiyoophiyaa keessatti Oromoo ta’anii dhalachuu isaanii qofaaf ilmaan Oromoo guyyuu akka bineensa bosonaatti adamfamuun yakkoonni garaa garaa irratti raawwatamaa jira.
Aanaa Iluu Galaan ganda Waddeeyyii Giraanchee jedhamu keessatti Gurraandhala 10, 2025 waraanni maafiyaan PP hawaasa daldalachuuf gabaa ba’an badii tokko malee “WBO deggertu” jechuun saamicha daangaa darbee fi reebicha hamaa irratti geggeessaa kan turuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Namoota saamichi fi reebichi irratti raawwatame keessaa kan maqaan nu ga’e:
- Maanguddoo ganna 70 olii Obbo Jibriil,
- Daldalaa meeshaalee elektirooniksii Obbo Qoroo Shifaa,
- Hojjetaa mana rifeensaa Biraanuu Fiqaaduu,
- Waardiyyaa buufata fayyaa Obbo Mokonnon Nagaasaa fi hawwan hedduu ta’uun eeramee jira.
Akka maddeen himanitti, namoonni kunneen siyaasa kam keessa kan hin jirre yoo ta’an, gocha dabaa kanas namni irratti raawwate ajajaa milishaa ganda Abakuu Aannoo kan ta’e nama maqaan isaa Qoroo Bal’isaa jedhamu ta’uus Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

