Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar Aanaa Iluu Galaan keessatti waraanni maafiyaan PP hawaasa nagaa irratti ajjeechaa fi saamicha raawwachuu hammeessan

ONM-ABO Bitootessa 13, 2025 

Jiraataa aanaa Iluu Galaan ganda Abakuu Aannoo kan ta’e maqaan isaa Addunyaa Yaadasaa kan jedhamu Bitootessa 10, 2025 osoo inni hojii daldalaatiif aanichuma gara ganda Waddeeyyii Giraanchee deemaa jiruu ergamtoonni sirnichaa magaalaa walakkaatti afaan qawwee itti qabanii doorsisuun erga qabaniin booda guyyaa keessaa hanga sa’a 7:30’tti harka isaa duubatti hidhuun dararaa ulfaataa irraan gahaa turuun boodarra rasaasa itti roobsanii ajjeesanii gatuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Kana malees, aanichuma ganda Waddeeyyii Giraanchee jedhamu keessaa ammoo guyyaadhuma kana Buzunaa Shuumaa nama jedhamu mana jireenyaa isaa cabsanii seenuun meeshaalee mana keessaa kanneen akka: Firiijii (Kottolleessaa), Televiyzinii, Soolaarii fi teessuma dabalatee qabeenya manicha keessa jiru tokko osoo hin hambisin guutummaan saamanii deemuu maddeen gabaasan.

Akka maddeen himanitti, namootni ajjeechaan gara jabinaa fi saamichi irratti raawwate kunneen siyaasa kam keessa kan hin jirree fi sababa Oromummaa isaanii qofaaf kan yakkaman ta’uu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Exit mobile version