Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar Aanaalee Daannoo fi Iluu Galaan keessatti loltoonni faashistii PP jiraattota hidhuu fi saamuu hammeessan

ONM-ABO Bitootessa 22, 2025 

Aanaa Daannoo ganda Daannoo Roggee jedhamu keessaa Bitootessa 16, 2025 waraanni faashistii PP namoota maqaan isaanii:

  1. Maashaa-allaa Nuuruu,
  2. Takkaa Tasfaayee,
  3. Dajanee Dheeressaa fi
  4. Fayyeeraa Taakkalaa 

kanneen jedhaman badii tokko malee ukkaamsuun hidhanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Kana malees, godinuma kana aanaa Iluu Galaan ganda Waddeeyyii Giraanchee irraa ammoo Bitootessa 17, 2025 shiftoonni sirnichaa kunneen nama maqaan isaa Shuumaa Barsiisaa jedhamu jalaa loon 7 ooffatanii deemuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeran.

Murni abbaa irree uummata Oromoo hacuucee bulchuu barbaadu Bilxiginnaan, loltoota isaa kumaatamaan goleewwan Oromiyaa cufatti bobbaasuun hawaasa nagaa maqaa isaan hin qabne itti maxxansuun ajjeesuu, hidhuu fi saamuu cimsanii itti fufanii jiru.

Exit mobile version