ONM-ABO Caamsaa 22, 2025
Murni faashistii PP mirga namoomaa keessattuu kan daa’immanii fi dubartootaa sarbuun kan beekamu oggaa ta’u, daa’imman umuriin isaanii gochoota hamaa fi gaarii adda baasanii hin beekne jumlaan rasaasaan waadee ajjeesuun soora bineensaa taassisuu irratti fuulleffatee jira.
Haaluma kanaanis dheengadda Caamsaa 20, 2025 godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Daarimuu ganda Beenaa 1’ffaa fi Beenaa 2’ffaa gidduutti daa’imman maqaan isaanii:
- Boonaa Abdurraman Buruysa daa’ima ganna 13,
- Falmataa Abdallaa Ahimad daa’ima ganna 14,
- Adinaan Sheekoo Abdullaa daa’ima ganna 16,
- Firoo Aliyyii Adam daa’ima ganna 13,
- Badhaasaa Ammee Maammud daa’ima ganna 13,
- Naa’ol Asaffaa dargaggoo ganna 25 fi
- Maadii Misbaahuu daa’ima ganna 16 gara jabina hamaan ajjeesanii gatuu jiraattonni ONM’f eeraniiru.
Biyya bulchiinsi diimokiraasii jiru keessatti mootummaan daa’imman kunuunsuu, eeguu fi gargaaruuf itti-gaafatamummaan kan hordofu ta’us, impaayerri Itiyoophiyaa haadhaa fi daa’imman walitti ajjeesuun maqaa olaantummaa seeraan kan dhaadatuu fi umuriin isaaniis osoo hin ga’in mooraa waraanaattis erguun soora rasaasaa taasisaa jira.
Qondaaltotni PP dantaa isaaniif miidiyaan hololan yeroo dubbatan kan lubbuu daa’immanii iyyuu tiksuu hin dandeenyetti Dr. Makdaa Dhaabaa fi Darajjee Dhugumaa fayyaa daa’immanii irratti hojjechaa jirra yoo jedhan, ministeerri dubartootaa fi daa’immaniis mirgi daa’iimmanii PP jalatti eegamaa jiraachuu osoo hin qaanofne ibsu.
Itiyoophiyaan waliigaltee addunyaa dhimma daa’imman irratti qabachuun heera mootummaa keessattis haammachiistus sun gatamee ajjeechaa Carraa Eliyaas fi gudeeddiin Simboo Biraanuu irratti yeroo raawwatamu tarkaanfiin sirreessaa fudhatame hin mul’anne.

