ONM-ABO Adoolessa 9, 2025
Iluu Abbaa Booraa aanaa Daarimuu ganda Eeffarsii keessatti torban darbe keessa waraanni Abiy Ahimed dargaggoo maqaan isaa:
- Awwaluu Suuraa jedhamuu fi
- daa’ima umurii 12 kan ta’e Lataa Tarfaasaa
nama jedhamu irratti reebicha ulfaataa qaama laalessu irratti raawwachuun bilbila quunnamtii isaan qabanis harkaa fudhatanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Kana malees, aanaadhuma kana ganda Beenaa 1’ffaa keessatti ammoo sirna dhableeyyiin loltoota Bilxiginnaa kunneen haadholii fi shamarran Oromoo irratti gocha qaanessaa fi ciiggaassisaa safuu hawaasichaa cabsu irra deddeebiidhaan raawwachaa jiraachuu irraan kan ka’e, yeroo ammaa kana jiraattonni kunneen ba’anii galuufis haala ulfaataa hedduu nama yaaddessu keessa kan jiran ta’uu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Jaleewwan Bilxiginnaa cubbamtuu impaayera Itiyoophiyaa dhiiga ilmaan Oromoo soorattee jiraattu utubuuf jecha yeroo gara yerootti hawaasa meesha maleeyyii irratti gochoota suukkaneessoo garaa garaa raawwachaa jiru.

