Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni PP Daa’immanii fi Dargaggoo Ajjeesuun Gabaafame

Akka ONM-ABO Caamsaa 22, 2025 gabaasetti, Waraannii PP Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Daarimuu keessatti daa’imman 6 fi dargaggoon 1 bakka loon tiksanitti ajjeesuu gabaase. Murni faashistii PP mirga namoomaa keessattuu kan daa’immanii fi dubartootaa sarbuun kan beekamu oggaa ta’u, daa’imman umuriin isaanii hamaa fi gaarii adda hin baasne kana jumlaan bakka tokkotti gaafa Caamsaa 20, 2025 rasaasaan haleeluun fixanii jiraachuun maddeen qabatamaa gabaasanii jiru.

Haaluma kanaanis Iluu Abbaa Booraa aanaa Daarimuu ganda Beenaa 1ffaa fi 2ffaa gidduutti daa’imman maqaan isaanii:

1. Boonaa Abdurraman Buruysa; daa’ima ganna 13

2. Firoo Aliyyii Adam; daa’ima ganna 13

3. Badhaasaa Ammee Maammud; daa’ima ganna 13

4. Falmataa Abdallaa Ahimad; daa’ima ganna 14

5. Adinaan Sheekoo Abdullaa; daa’ima ganna 16

6. Maadii Misbaahuu; daa’ima ganna 16

7. Naa’ol Asaffaa; dargaggoo ganna 25 fi ajjeesanii gatuu jiraattonni ONMtti eeraniiru.

Biyya bulchiinsi diimokiraasii keessa jiru keessatti mootummaan daa’imman kunuunsuu, eeguu fi gargaaruuf itti-gaafatamummaa fudhachuu qabuu fi kan hordofuu qabu ta’us, impaayerri Itiyoophiyaa haadhaa fi daa’imman walitti ajjeesuun maqaa olaantummaa seeraan kabachiisa jedhee dhaadatuu fi da’imman umuriin isaanii gaheeyyii hin taane mooraa waraanaattis guuruun irbaata rasaasaa taasisuuf qopheessaa jira.

Ergamtooti PP dantaa isaaniif jecha miidiyaadhaan ololan yeroo dubbatan maqaa lubbuu daa’immaniin kakatan Dr. Makdes Dhaabaa fi Darajjee Dhugumaa fayyaa daa’immanii irratti hojjechaa jirra yoo jedhan, ministeerri dubartootaa fi daa’immaniis mirgi daa’iimmanii PP jalatti eegamaa jiraachuu osoo hin qaanofne ibsu.

Itiyoophiyaan waliigaltee idil-addunyaa dhimma daa’immanii irratti mallatteessuunheera ofii keessatti galchistus, heera irra jiraachuun isaa ajjeechaa Carraa Eliyaas fi gudeeddiin Simboo Biraanuu irraa hin dhorkine, warra badii kana raawwatanis seeratti hin dhiheessine.

Exit mobile version