Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Daarimuutti daa’imni tokko waraana faashistii PP’n ajjeefamuun dhaga’ame 

ONM-ABO Caamsaa 23, 2025 

Caamsaa 21,2025 godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Daarimuu ganda Beenaa bakka addaa Golol jedhamutti gara jabeeyyiin loltoota faashistii PP yakka tokko malee daa’ima ganna 12 maqaan isaa Maadii Umar jedhamutti ajjeesuu maddeen gabaasan.

Murni impaayerattii geggeessaa turan Oromoo callisiisuudhaaf baroota dheeraaf afaan qawween akkuma fayyadamaa turan aanga’onni Bilxiginnaa, har’as bara ilmi abbaa Gadaa kan hiddi dhaloota isaa Oromoo ta’uu himatu koloneel Abiy Ahimed daranuu gara jabummaa kan sirnoota darbanii olitti daa’imman kichuu hamaa fi gaarii adda baasanii hin beekne, kanneen siyaasa keessatti hirmaannaa hin taasisnee fi tuttuqaa siyaasaa hin qabne ajjeesuun sodaachisee gadaa aangoo isaa dheereffachuuf tattaafachaa jira. 

Ajjeechaa gara jabinaa waraana garboomfataa PP’n daa’imman ol-adeemoo irratti raawwachaa jiruun guyyoota lama gidduutti aanaa Daarimuu kanatti Caamsaa 20, 2025 daa’imman 6  fi dargaggoon tokko waraana faashistii PP kanaan lubbuun darbuu isiniif gabaasuun keenya ni yaadatama.

Exit mobile version