ONM-ABO Caamsaa 7, 2024
Waraanni faashistii PP dargaggoota Oromoo hidhaatii baasuun ajjeesee lafarraa duguugee fixuu kan amaleeffate sirna faashistii PP gochoota abboota isaanii irraa dhaalan lafaratti mul’isaa jiru.
Haaluma kanaanis godina Lixa Wallaggaa aanaa Noolee Kaabbaa ganda Jimaatee jedhamu keessatti hidhamee kan ture, nama maqaan isaa Geetuu Asaffaa jedhamu Ebla 27, 2024 gara godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Makkootti geessuun ajjeesanii gatuun dhaga’aameera.
Ajjeefamuu dargaggoo kanaa hanga ammaatti maatiin isaa kan hin dhageenye yommuu ta’u, sababa Oromummaa isaa qofaaf malee badii tokko illee akka inni hin qabnee fi kanaan duras godina sanaa namoota gara Iluu abbaa Booraa geessanii ajjeesaa akka turan namoonni beekan ONM’tti himan.

