Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Daarimuutti waraanni maafiyaan PP dargaggoota dirqamaan gara leenjii waraanaatti guuruu itti fufan 

ONM-ABO Caamsaa 18, 2025 

Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Daarimuu bakkeewwan adda addaatti  tiksitoonni koloneel Abiy Ahimed dargaggoota hedduu humnaan walitti qabuun konkolaataa deddeebisaa uummataa 2 “Taataa” kan jedhamutti fe’uun gara mooraa leenjiitti geessanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka maddeen himanitti, dargaggoota leenjii loltummaaf ukkaamfaman kanneen keessa daa’imman umuriin isaanii waraanummaa leenji’uuf hin geenye hedduun jiraachuu himuun, maatiin ijoollee kanneeniis kadhaa fi boo’ichaan ilmaan isaanii gara manaatti deebifachuuf oggaa deemanii ergamtoonni sirnichaa reebichaa fi doorsisa garaa garaa irratti raawwatanii deebisuu ONM’f eeranii jiru.

Ergamtoonni Bilxiginnaa impaayera Itiyoophiyaa jiguuf raafama irra jirtu suphuuf jecha kutaalee impaayerattii cufa keessaa irra deddeebiidhaan ilmaan hiyyeessaa hunda leenjii loltummaaf dirqamsiisaa kan jiran ta’uun ni beekama.

Exit mobile version