Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Gaawoo Qeebbee keessatti waraanni faashistii Bilxiginnaa mana obbolaa 4 gubanii barbaadeessuun nama tokkos haala suukkaneessaan ajjeessuun himame

ONM-ABO Amajjii 20, 2026 

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Gaawoo Qeebbee ganda Gaanqaa Icoo bakka addaa Koobbaree jedhamutti Amajjii 1, 2026 waraanni faashistii Bilxiginnaa kanneen barcuma aangoo nam-tokkee tiksuuf ifaajan, maqaa sakkattaa WBOtiin bobba’uun mana maatii obboloota 4 gubanii barbaadeessuun isaan keessaa nama tokkos haala suukkaneessaan ajjeessanii deemuu jiraattonni Arraata Biyyoleessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Haaluma kanaan namoonni manneen isaanii jalaa gubate kanneen maqaa arganne:

  1. Tarfaa Akkumaa,
  2. Lammataa Akkumaa,
  3. Fiqiree Akkumaa kan jedhamanii fi 
  4. kan biraa tokko yoo ta’u

obboloota 4 kanneen keessaa Fiqiree Akkumaa nama jedhamu loltootni PP kunneen fuudhanii deemuun Amajjii 18, 2026 gara laafina tokko malee bakkeeti ajjeesanii gatuu jiraattootni ijaan argan dabaluun addeessaniiru.

Gara jabeeyyiin loltoota faashistii Bilxiginnaa kunneen gocha rifaasisaa kana kan raawwatan maqaa hidhata ‘WBO ‘qabdu jedhuun ta’uu  jiraattonni dabalataan himaniiru.

Amajjii 18 fi 19 naannichuma keessatti bosona uumamaa da’oo bineesotaa ta’e’ WBO’tu keessa jira  jechuun ibidda itti shidanii hanga yeroo gabaasni kun qindaa’eetti birmannaa tokko malee barbada’aa jiraachuus jiraattootni naannichaa miira gaddaan dubbatu.

Goleewwan Oromiyaa maratti haleellaa ‘WBO’ n hidhattoota Bilxiginnaa irratti raawwatu dheessuun uummataa nagaatti ol’ deebi’anii gochawwan suukkaneessoo fi sarbamiinsa mirgoota namoomaa garaagaraa raawwachaa kan oolan waraanni maafiyaan PP, wayita ammaa kanas kan durii caalaa jabeessanii jiraachuun ragaan kan mul’atudha.

Exit mobile version