Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Gaa’oo Qeebbee keessatti dhiittaa fi sarbamiinsi mirgoota namoomaa jiraattota irratti ergamtoota sirnichaan raawwatu akkaan jabaatee itti fufe

ONM-ABO Amajjii 13, 2025 

Aanaa Gaa’oo Qeebbee ganda Gaawwaa Ijoo jedhamu keessaa Amajjii 8, 2025 namoota maqaan isaanii:

  1. Sulxaan Dooraa jalaa loon 8 fi
  2. Barii Adam jalaa ammoo loon 1 saamuun, 
  3. Kamaal Abdallaa,
  4. Biqilaa Shufeerii fi
  5. Calleesssa Maammad Naasir jiraattota jedhaman 

badii tokko malee mana jireenyaa isaaniitii ukkaamsuun lafa irra garaadhaan ciibsanii dugda isaanii irratti pilaastikiitti ibidda qabsiisuun irratti coccobsanii dararaa hangana hin jedhamne erga irraan gahanii booda bakka Arroojjii Wadoo jedhamutti geessanii hidhuu maddeen himan.

Loltoonni faashistii Abiy Ahimed kunneen gocha gara jabinaa isaanii uummata Oromoo irratti raawwataa oolan hammeessuun, aanaadhuma Gaawoo Qeebbee ganda Gaawwaa Qeebbee jedhamu keessaa Amajjii 9, 2025 ammoo:

  1. Hasan Lammeessaa jalaa mana jireenyaa isaa qabeenya hunda waliin ibidda itti shidanii barbadeessuun, mucaa isaa Alawiyaa Hasan jedhamu ammoo hidhaatti yoo darbatan, 
  2. Musxafaa Qannaa jalaa mana isaa qabeenya hunda waliin gubuun, loon 11 saamuun,
  3. Baacaa Horaa fi
  4. Girmaa Shoogilee kanneen jedhaman jalaas mana jireenyaa isaanii qabeenya cufa waliin barbadeessuun,

Tarfaa Akkumaa nama jedhamu jalaa ammoo korma 1 saamanii deemuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Exit mobile version