ONM-ABO Amajjii 4, 2025
Sirni nama nyaataan jaarraa tokkoo ol Saba Oromoo qawweedhaan cabsee mirga abbaa biyyummaa isaa irraa mulqee biyya isaa irratti saamuu, reebuu, hidhuu fi ajjeesuu akka gootummaatti ittiin dhaadatu har’as ol adeemtoota biyyaaf gaaddisa ta’an kichuutti kutuu cimsee itti fufeera.
Waraanni garboomfataan PP godina Qellem Wallaggaa aanaa Gaa’oo Qeebbee mooraa waraanaa ganda Sichaa’oo irraa maqaa sakattaa WBO’n bobbaafaman tarkaanfii guggubduu gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo irratti fudhatee du’aa fi madoon adabe haaloo isaa uummatatti ba’uun Amajjii 1, 2025 ganda Shimalaatti dargaggoo umurii 23 maqaan isaa Malkaamuu Qannaa jedhamu ajjeesanii gatuun ibsameera.
Akka jiraattonni gandichaa dubbatanitti, dargaggoo Malkaamuun ogeessa fayyaa mana yaalaa dhuunfaa kan qabu hawaasa murni Bilxiginnaa tajaajila irraa kuteef gargaarsa taasisaa jiruun lubbuu lammiilee hedduu baraaraa kan ture ogguu ta’u, maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo tumsitaanis akka ajjeesan itti dabaluun eeraniiru.

