ONM-ABO Muddee 14, 2024
Goleewwan Oromiyaa cufa keessaa ergamtoonni Bilxiginnaa dargaggoota Oromoo abdii biyyaa ta’an adamsanii tarkaanfii hidhaatii hanga ajjeechaatti irratti raawwachuu cimsanii itti fufanii jiraachuun ni beekama.
Muddee 11, 2024 waraanni faashistii PP aanaa Gidaamii ganda Afteer Samboo jedhamu keessaa dargaggoo maqaan isaa Amaanee Tasfaa jedhamu sababa tokko malee rasaasaan waaduun ajjeesanii gatuu maddeen ONM’tti himan.
Akka maddeen himanitti, dargaggoon kun siyaasa kam irraa walaba ta’uu himuun, sababa sobaa Waraana Bilisummaa Oromoo gargaarta jedhuun ajjeefamuu fi aanicha keessatti yakkoonni farra namoomaa hawaasa nagaa irratti raawwatu daran jabaatee jiraachuu itti dabaluun dubbatu.
Oduu biraatiin ammoo Muddee 12, 2024 aanaa Gaa’oo Qeebbee ganda Guddattuu Diillaa jedhamu keessatti mana jireenyaa nama tokkoo kan maqaan isaa Obbo Ayyaanaa Boottoo jedhamu balleessaa tokko malee Oromummaa isaan yakkuun loltoonni murna Bilxiginnaan gubanii barbadeessuu maddeen ONM’tti himaniiru.

