Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Dargaggoon tokko godina Qellem wallaggaa aanaa Gidaamii keessatti waraana murna bilxiginnaan ajjeefamuun dhagaa’ame

ONM-ABO Hagayya 7, 2023

Oromoon dachee fi qabeenya abboota isaa irratti kabajaa fi nagaan jiraachuun kan isaaf malu, garuu murnoota maqaa Oromoo dha’aatanii aangoo irra jiraniin mirgi isaanii sarbamuun guyyaa hundaa dhiigni ilmaan Oromoo dhangala’aa oola. 

Haaluma kanaan Hagayya 5, 2023 godina Qellem Wallaggaa aanaa Gidaamii ganda Coomman Kallaa jedhamu keessatti dargaggoo maqaan isaa Caalaa Shaafee jedhamu loltoota bilxiginnaan ajjeefamuu maddeen himan. 

Sirni uummata Oromoo gabroomsee aangoo irra buluuf tattaafatu kun bakka bobba’u hundatti namoota nagaa ajjeessuun maqaa waraana bilisummaa Oromoo deggertuun duguggaa Sanyii raawwachaa jiraachuun sirnichaa yaaddoo itti uumee akka jiru uumanni ona Gidaamii Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version