Godina Qellem Wallaggaa ona Gidaamii keessatti waraana murna bilxiginnaan saamichi hammaate.
ONM-ABO Hagayya 5,2022-Erga Abiy Ahimed qabsoo bilisummaa Oromoo karaa qaxxaamuraan butee aangootti ba’een booda saamichi, ajjeechaa fi hidhaan ilmaan Oromoo irraà kan hin dhaabbanne yoo ta’u Oromoo diinagdeen dadhabsiisuuf ilmaan Oromoo jalaa qabeenya isaan horatan saamuun tajaajila waraanaaf oolfachaa jiru.
Akka kanaanis godina Qellem Wallaggaa ona Gidaamii ganda Giraayii Somboo keessatti Hagayya 1,2022 waraanni weerartuu bilxiginnaa ganama magaalaa Qellem irraà ka’uun gara gandichaa deemuun mana obbo Adimaasuu Magarsaa Barkeessaa jedhamu caccabsuun qabeenya isaanii saamuunii fi miidhaa irraà ga’anii jiru.
Obbo Adimaasuu jalaa televizhinii fi meeshaalee garaagaraa caccabsuun madaala hangaa 1, buna keeshaa 15, saanqaa waddeessaa 118 fi Baajajii saamuun gara magaalaa Qellemitti geessanii jiru.
Qabeenya isaanii saamuun alatti abbaa manichaa obbo Adimaasuu Magarsaas qabanii gara magaalaa Qellemitti geessanii hidhanii jiru.
Murni bilxiginnaa waan godhuu fi dhiisu wallaale gochoota hammeenyaa jireenya uummata Oromoo dararan akka meeshaa waraanaatti itti fayyadamaa jiraachuun ni beekama.

