Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni murna bilxiginnaa godina Qellem Wallaggaa ona Gidaamii fi Lixa Wallaggaa ona Begii keessatti Waraana Bilisummaa Oromootu magaalaa rukutuuf jechuun gabaa guddaa ugguran

Waraanni murna bilxiginnaa godina Qellem Wallaggaa ona Gidaamii fi Lixa Wallaggaa ona Begii keessatti Waraana Bilisummaa Oromootu magaalaa rukutuuf jechuun gabaa guddaa ugguran.

ONM-ABO Hagayya 6,2022- Gabaa guddaa uummatni godina Qellem Wallaggaa ona Gidaamii fi Lixa Wallagga ona Begii gabaa keessatti gabaan Sanbataa duraa gabaa guddaa ta’uus bineeyyii Abiy Ahimed bobbaaseen uummatni gabaa irraa ittifamuu jiraattootni dubbatan.

Guyyyaa har’aa Hagayya 6,2022 ganama irraa ka’uun godina Qellem Wallaggaa ona Gidaamii magaalaa Gidaamii fi magaalaa Qellemitti namootni baadiyaa irraa akka itti hin seenne gochuun gabaa dhaabsisanii jiru.

Magaalaa Gidaamii keessatti sagalee guddistuun kan dhorkaman yoo ta’u, namoota osoo hin dhaga’in baadiyaa irraa itti deeman reebicha hamaa hanga dhiiga dhangalaasuutti irraan ga’anii jiru.

Bifuma wal fakkaatuun godina Lixa Wallaggaa ona Begii, magaalaa Begii keessattis gabaan Sanbata Duraa akka hin dhaabbanne gochuun uummata mana kan tursiisan yoo ta’e namoota baadiyaa irraa deemaa turanis karaatti reebichaan deebisaa turan.

Tarkaanfii gabaa ugguruu kanas waraanni faashistii bilxiginnaa kan fudhachaa jiraniif gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo akkuma bara darbee aanota kana lamaan buqqisuuf dhufaa jira jechuun uummata manatti ugguranii jiru.

Kana malees lola waraanni bilisummaa Oromoo nu irratti taasisaa jiru irratti uummata hirmaachaa jira, madoo keenya ajjeesee, reeffa keenya suuraa kaasee itti kennaa fi miseensoota waraana keenyaa lolaan facaa’an ooyiruu keessaa qabee itti kenna, akkasumas meeshaalee waraanaa waraanni keenya lola keessaa osoo baqatuu buusu fuudhanii WBOtti kennaa jiru jechuun adabbii kana irraan ga’anii jiru.

Haa ta’u malee akka jiraattoota onoota lameenii Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise tokko tokko jedhanitti, tarkaanfii kamiyyuu waraanni bilxiginnaa nu irratti fudhatus murna bilxiginnaa diina uummata Oromoo ta’e deebisanii nu irratti ijaaruu hin da’an jechuun qabsoon gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo geggeessaa jiru uummata Oromoon deggeramee galma ni ga’a jechuun yaada isaanii nuuf qoodaniiru.

Exit mobile version