Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Begii keessatti qeerroo tokko ajjeesuun saamichas geggeessan

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Begii keessatti qeerroo tokko ajjeesuun saamichas geggeessan.

ONM-ABO Hagayya 26, 2022 Bilxiginnaa waanta godhu wallaale oliif gadi kaatu uummata Oromoo humnaan ilaalcha isaa fudhachiisuuf dhiibbaa gurguddaa uummaticha irraan ga’uun bakkeewwaan adda addaatti ilmaan Oromoo boossisaa oola.

Kudharfan darban keessa godina Lixa Wallaggaa ona Begii magaalaa Kobor keessatti Qabeenya uummataa irratti Saamicha guddaa kan taasise murni bilxiginnaa tarkaanfii Waraanni Bilisummaa Oromoo irrattii fudhateen magaalaa Begii gadi dhiisee ture.

Sodaa hamaa keessa kan jiru waraanni murna bilxiginnaa aanaa Gidaamii irraa ka’uun ona Begii seenee nama tokko ajjeesuun dukkaana saamaanii jiru.

Hagayya 24,2022 waraanni abdi kutataan PP ona Begii ganda Qobboo keessatti nama maqaan isaa Naasir Mohaammad jedhamu jiraata gandichaa naannoo Kuree ta’e rasaasaan rukuchuun yoo ajjeesan, nama Abdurrahiim Ahimed jedhamu jalaa ammoo dukkaana isaa cabsuun saamanii deeman.

Waraanni murna bilxiginnaa godina Qellem Wallaggaa ona Gidaamii buufata waraanaa sadii irraa walitti dhufuun bobbaa’an kun kallattii irra darban cufatti miidhaa qaqqabsiisaa deemaa akka turan maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version