Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni murna bilxiginnaa godina Qellem Wallaggaa ona Gidaamii keessatti namoota nagaa lama ajjeesuun qabeenyas barbadeessaa jiraachuun ibsame

Waraanni murna bilxiginnaa godina Qellem Wallaggaa ona Gidaamii keessatti namoota nagaa lama ajjeesuun qabeenyas barbadeessaa jiraachuun ibsame.

ONM – ABO – Muddee 28, 2022 Waraanni murna faashistii PP gara laafina tokko dhala namaaf hin qabne Oromiyaa bakkoota socho’e hundatti ajjeechaa sukkanneessaa, hidhaa, saamichaa fi qabeenya mancaasuu idileeffatee hojjetaa jira.

Waraanni faashistii Abiy Ahimediin bobbaafaman kun godina Qellem Wallaggaa aanaa Gidaamii keessatti ilmaan Oromoo 2 badii badii tokko malee ajjeesuun bakkoota socho’an kanattis saamicha geggeessanii jiru.

Aanaa Gidaamii ganda Baataa Mukaarbatti dargaggoo Yaadasaa Wadajoo Baatii jedhamu Jimaata darbe Muddee 23, 2022 mana maatii isaatii gadi fuudhanii ganama sa’a 12:15tti ajeesan.

Ganda Burii keessatti ammoo dargaaggoo Hamzaa jedhamu g mana shaayee keessaa hojjetee galii guyyaatti argatuun jiraatu kaleessa Muddee 27, 2022 ajjeesuun gatanii darban.

Ona Gidaamii gandoota magaalaa Gidaamiitti dhiyoo jiran irratti reebicha, saamichaa fi hidhaa hammeessanii jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Godina lixa Wallaggaa gandoota aanaa Gimbii keessatti saamichaa fi ajjeechaan Waraana PPn uummata Oromoo irratti taasifamu cimee itti fufe.

ONM – ABO – Muddee 28, 2022 Waraanni murna bilxiginnaa kumaatamaan lixa Oromiyaatti bobbaafaman waggoota arfan darban kana lubbuu lammiilee fi qabeenya uummataa mancaasaa kan ture yoo ta’u, gochi isaanii kun ammallee itti fufuun madda rakkoo jiruuf jireenya uummataa ta’uu danda’aniiru.

Godina lixa wallaggaa aanaa Gimbii Ganda Gaagawoo Qarree jedhamtu keessatti Muddee 26, 2022 waraanni faashistii Itoophiyaa nama maqaan isaa Maariqos Immiruu Bulchaa jedhamu ajjeesanii turan.

Achuma Ganda Gaagaw Qarree keessatti waraanni maafiyaan impaayerattii ergama jal’inaa fudhachuun uummata nagaatti bobbaafame kun manneen jiraattotaa cabsuun saamicha fi mancaatii qabeenyaa raawwachaa kan jiran yoo ta’u, Lammaa Haayiluu, Shuuramuu Tarfaa, Mulaatuu Abdiisaa fi Iddoosaa Saaqqataa namoota jedhaman ammoo addatti mana isaaniitti seenuun waan isaan gammachiisu hunda erga saamaniin booda meeshaalee mana keessaa ammoo caccabsuun qe’ee namoota kanaa kan barbaadeessan ta’uu kan dubbatan maddeeni.

Itti dabaluuni nama Maqaan isaa Gammadaa Tasfaa jedhamu jalaa qarshii 18,000 giiphii isaa keessaa fudhachuullee himaniiru.

Maddeen keenya naannichaa ijaan argan akka dubbatanitti, waraanni maafi’aa PP gocha qaanessaa sabbataa harmoolee hikanii maallaqa guuraa turan erga raawwataniin booda irratti waliif galuu dadhabuun walitti dhukaasanii miseensa tokko rukuchuu dabaluun ibsaniiru.

Exit mobile version