ONM-ABO Muddee 8, 2023
Torban darbe keessa waraanni murna maafi’aa PP godina Qellem Wallaggaa aana Gidaamii magaalaa Abootee keessatti saamicha qabeenyaa uummataa irratti raawwatanii jiru.
Namootni saamaman kunis Adabaa Tashoomaa sangaa 1, Maarii Maammadee Warqaa sangaa 2, Bultumaa sangaa 2, Zarihuun Danuu Amantee sangaa 2, Shundaa Gabbisaa sangoota 17, Dungee Dirribaa sangoota 4, Mujaayid Abdallaa dhalti 2 fi Allamiin Abdallaa jalaa sangaa 2 ooffatan.
Akkasumas Balaay Tarrafaa jalaa mana gubuun sangaa 2 kan fudhatan yoo ta’u, Gurmuu Tarrafaa jalaa qarshii 100,000, Araarsa Dhibbisaa jalaa sangaa 2 fuuchuun namoota biroo hedduus saamanii jiru.
Aanuma Gidaamii magaalaa Abootee kana keessatti Kantiibaa Ittafaa kan jedhamu ajjeesuun mana isaa gubanii sangaa isaa jalaa ooffachuu maddeen ibsan.
Oduuma wal fakkaatuun godina Lixa Wallaggaa aanaa Qondaalaa ganda Gemii Gaabbaa bakka Bobbee jedhamu keessatti waraanni faashistii PP Muddee 2, 2023 aaddee Tsigee Dirribaa Dinqaa dubartii umrii 40 jalaa qabeenya mana guutuu beelladota manaa waliin saamuun ijoollee ishee 4 hiyyummaaf saaxiluu maddeen aanaa Qondaalaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

