• Fri. Jan 2nd, 2026

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Gidaamii fi Lixa Wallaggaa Qondaala keessatti waraanni faashistii PP saamicha geggeessuun nama tokkos ajjeesuun barame

Dec 8, 2023

ONM-ABO Muddee 8, 2023

Torban darbe keessa waraanni murna maafi’aa PP godina Qellem Wallaggaa aana Gidaamii magaalaa Abootee keessatti saamicha qabeenyaa uummataa irratti raawwatanii jiru.

Namootni saamaman kunis Adabaa Tashoomaa sangaa 1,  Maarii Maammadee Warqaa sangaa 2,  Bultumaa sangaa 2, Zarihuun Danuu Amantee sangaa 2,  Shundaa Gabbisaa sangoota 17,  Dungee Dirribaa sangoota 4,  Mujaayid Abdallaa dhalti 2 fi  Allamiin Abdallaa jalaa sangaa 2 ooffatan.

Akkasumas Balaay Tarrafaa jalaa mana gubuun sangaa 2 kan fudhatan yoo ta’u, Gurmuu Tarrafaa jalaa  qarshii 100,000, Araarsa Dhibbisaa jalaa sangaa  2 fuuchuun namoota biroo hedduus saamanii jiru.

Aanuma Gidaamii magaalaa Abootee kana keessatti Kantiibaa Ittafaa kan jedhamu ajjeesuun mana isaa gubanii sangaa isaa jalaa ooffachuu maddeen ibsan.

Oduuma wal fakkaatuun godina Lixa Wallaggaa aanaa Qondaalaa ganda Gemii Gaabbaa bakka Bobbee jedhamu keessatti waraanni faashistii PP Muddee 2, 2023 aaddee Tsigee Dirribaa Dinqaa dubartii umrii 40 jalaa qabeenya mana guutuu beelladota manaa waliin saamuun ijoollee ishee 4 hiyyummaaf saaxiluu maddeen aanaa Qondaalaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading