ONM-ABO Fulbaana 12, 2023
Aanaan Gidaamii aanota godina Qellem Wallaggaa keessaa tokko yoo taatu, magaalaa fi gandoota baadiyyaa aanichaa hedduu keessatti waraanni shororkeessaan bilxiginnaa namoota nagaa ajjeesuu, hidhuu, qabeenya uummata nagaa saamuu fi manneen jireenyaas barbadeessaa jiraachuu jiraattotni dubbatu.
Dheengadda fulbaana 10, 2023 godina Qellem Wallaggaa ona Gidaamii magaalaa Gidaamii irraa waraanni bilxiginnaa gara ganda Abooteetti bobba’aan nama nagaa maqaan isaa Fiqiruu Maammoo Gobbuu jedhamu ajjeesanii bakkeetti kan gatan yoo ta’u, reeffi isaa bakkee keessa buluun kaleessa ganama jechuunis fulbaana 11, 2023 hordoffii hawaasaatiin ganama argamuun guyyaadhuma kaleessaa sirni awwaalcha isaa raawwatameera.
Oduu biraatiin ammoo ganduma Abootee kana keessatti waraanni shororkeessaan PP naamusaa fi ga’umsa waraanummaa hin qabne, manneen jireenyaa fi dunkaana namoota dhuunfaa cabsanii seenuun meeshaalee mana keessaa dabalatee qabeenya hedduu saamuu fi gariin ammoo barbadeessanii akka deeman jiraattotni himan.
Hagayya 27, 2023 onuma Gidaamii ganda Abootee kana keessatti dargaggoota nagaa sadii ajjeesuu fi qabeenya uummataa hedduu saamuun isaaniis gabaasuun keenya ni yaadatama.

