Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallagga Aanaa Qondaalaa keessatti waraanni faashistii PP dargaggeessa tokko ajjeesuun himame

ONM-ABO Muddee 9, 2024 

Goleewwan Oromiyaa cufa keessaa waraanni impaayera Itiyoophiyaa maqaa garaa garaa itti maxxansuun uummata Oromoo irratti duula duguuggaa sanyii raawwatan jabeessanii ittuma fufuun, godina Lixa Wallaggaa aanaa Qondaalaa keessatti dargaggeessa tokko irratti ajjeechaa suukkanneessaa ta’e raawwatanii jiraachuun himamee jira.

Aanaa Qondaalaa ganda Geemii Gaabbaa bakka addaa Masjiida Guddaa jedhamu keessaa Muddee  7, 2024 waraanni goolessituun PP dargaggoo maqaan isaa Jiboo Sheek Kadir jedhamu badii tokko malee rasaasa itti roobsuun haala suukkanneessaa ta’een ajjeesanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Akka maddeen himanitti, dargaggoon kun siyaasa kam irraa walaba ta’uu himuun, sababa sobaa maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jedhuun manuma maatii isaatti ajjeefamuu dubbatu.

Exit mobile version