ONM-ABO Muddee 26, 2024
Jiraachuun ilmaan Oromoo akka ibiddaatti isaan gubuun, “maaliif akka keenya qawwee hidhattanii impaayerattiif hin loltan” sababa jedhu qofaaf, ergamtoonni Bilxiginnaa dargaggoota Oromoo egeree biyyaaf abdachiisoo ta’an irratti xiyyeeffachuun adamsanii ajjeesuu jabeessanii itti fufanii jiru.
Muddee 21, 2024 waraanni sirna nama nyaataan impaayera Itiyoophiyaa aanaa Qondaalaa ganda Shuuraa Maaramoo bakka addaa Kuwaallaa jedhamutti dargaggoo maqaan isaa Jaafar Asaffaa Alabee jedhamu badii tokko malee haala rifaasisaa ta’een rasaasa itti roobsuun ajjeesanii bakkeetti gatanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, namni kun siyaasa kam keessa kan hin jirree fi ergamtoonni sirnichaa ammoo “bilbila kee keessa suuraa WBO’tu jira” jechuun yoo ajjeesan, ittuma fufuun Muddee 22, 2024 ammoo durbiidhuma isaa kan ta’e Atuuchee Dhaabaa Alabee nama jedhamus aanichuma ganda Kollii Charphaa keessatti yakka tokko malee haala suukkanneessaa ta’een ajjeesuu dubbatu.

