ONM-ABO Caamsaa 3, 2023
Ilmaan Oromoo Oromummaa isaanii qofaaf yakkamuun yeroo ammaa xinnaa guddaa osoo hin jenne bakkeewwan hedduutti waraana bulchiinsa abbaa irree Abiy Ahimediin akka baalaa harca’aa jiru.
Haaluma kanaan godina lixa Wallaggaa aanaa Qondaalaa magaalaa Gabaa Dafinoo keessatti dheengadda gaafa Caamsaa 1, 2023 hidhattootni garee maafi’aa PP dargaggoo Tamaam Musxafaa jedhamu nama dhukkuba sammuu qabu sababa tokko malee karaa gubbaatti rasaasa itti roobsuun ajjeesan.
Akka jiraattootni naannichaa tokko tokko jedhanitti dargaggoo Tamaam nama dhukkuba sammuu dhukkubsatu yoo ta’u, rifeensi isaa dheeraa waan ta’eef akka ajjeesan dubbatu.
Hidhattootni kun yeroo garaa garaatti namoota rifeensa dheeraa qaban sobanii Waraana Bilisummaa Oromooti jechuun akka ajjeesaa jiran ni beekama.
Aanaadhuma Qondaalaa magaalaa Baamsoo keessatti Jimaata darbe Ebla 28, 2023 waraanni faashistii PP kun uummata Masjiidaa Salaataa ture irratti dhukaasa bananii hawaasa burjaajessuun namoota nagaa 30 ol badii tokko malee kan hidhan yoo ta’u, naannoo Kummiitti mana qonnaan bulaa tokko gubanii jiru.
Namoota badii tokko malee hidhaman keessaa kan maqaa isaanii arganne:-
Kamaal Suleeyimaan
Gammachuu Abdurrazaaq fi
Qamar Usmaan kanneen jedhamanii dha.
Aanicha keessatti waraana faashistii waliin ta’uun kanneen duguuggaa sanyii fi qabeenya namootaa mancaasisaa jiran bulchaa aanaa Dassaaleny Jiraa fi Abduu Oljirraa ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

