Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar Aanaa Baakkoo Tiibbeetti  nama tokko yoo ajjeesan mana qotee bulaa Oromoo 6 abiddaan barbadeessan

Godina Lixa Shaggar Aanaa Baakkoo Tiibbeetti  nama tokko yoo ajjeesan mana qotee bulaa Oromoo 6 abiddaan barbadeessan.

( ONM-ABO Waxaabajjii 8,2022 )

 
Faashistoonni garaa fi faayidaa isaanii malee hawaasa fi uummata Oromoof waan baasan tokko hin qabne guutuu Oromiyaa irratti yakka namooma erga raawwachuu eegalanii bubbulaniiru.

Waxabajjii 6,2021 lixa Shaggar aanaa Baakkoo Tibbeetti jiraata ganda Walqixxee Bakkee Eere kan ta’e dargaggoo Shaashoo Kabbadaa ganda Simboo Disaasaa lafa gabaa Sanbataatti rasaasa itti roobsuun ajjeesan.

Dargaggoo Shaashoon nama umrii 22 yoo ta’u nama dhukkuba Sammuu qabu akka ta’e maddi keenya Aanaa Baakkootii Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himeera.
 
Akka maddi keenya kun himetti humnoonni kun maqaa sakattaa Waraana Bilisummaa Oromoo jedhuun kan bobba’an yoo ta’u ganda Walqixxee Bakkee Deertuutii mana obbo Rattaa Abarraa, obbo Gaaddisaa Buxulaa, obbo Guddataa Boyyoosaa fi obbo Boyyoosaa Dabalaa abiddaan yoo barbadeessan ganda Simboo Disaasaatii mana obbo Walqixxee Guutamaa fi obbo Cimdeessaa Tarreessa abiddaan barbadeessaniiru.

Manneen gubate kana keessa waan nyaatanis ta’ee waan uffatan ofiifis maatii isaaniifis akka hin baafnee fi manuma waliin akka guban maddi keenya dabaluun himeera.

Ganda Walqixxee Bakkeetii maanguddoo waggaa 70 kan ta’an aaddee Abarraash Raajee jalaa loon sadii yoo fudhatan obbo Katamaa Tseggaayee jalaa mana qorqorroo abbaa qola 31 fi obbo Nagarii Qixxeessaa jalaa qabeenya mana keessaa fi maallaqa hedduu saamaniiru.
 
Aanaa Baakkoo Tiibbee gandoota akka Guddina Biyyaa, Somboo Disaasaa, Kaarruu Warra Rooba fi gandoota ollaa sanaa biroo keessaa ji’a Caamsaa darbe kana keessa qofa mana qotee bulaa Oromoo 37 ol abiddaan barbadeessuu isaanii Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa gabaasaa turuun ni yaadatama.

Exit mobile version