Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Faashistoonni PP Lixa Shaggar Aanaa Jalduutti maanguddoo tokkoo fi daa’ima tokko yoo ajjeesan aanaa Ambootti mana qotee bulaa Oromoo tokko gubuun qabeenya hedduu saaman

Faashistoonni PP Lixa Shaggar Aanaa Jalduutti maanguddoo tokkoo fi daa’ima tokko yoo ajjeesan aanaa Ambootti mana qotee bulaa Oromoo tokko gubuun qabeenya hedduu saaman.

ONM-ABO Onkoloolessa 17, 2022 
Faashistoonni impaayera Itoophiyaa kufaatii irraa eeguu fi garaa isaanii guuttachuuf olii fi gadi yaa’an daba uummata Oromoo irratti hojjetan hin dhiisne.

Keessattuu waardiyyaa uummata Oromoo kan ta’e Waraana Bilisummaa Oromootiin yeroo rukutaman aarii kasaara isaan irra ga’uu uummata nagaa irratti ba’uun barsiifataa fi hojii godhatanii ittiin hojjechaa jiru.
 
Lola Onkoloolessa 15, 2022 aanaa Jalduu magaala Goojjootti ta’een kasaaraa jabaan faashistoota PP yoo mudatu aarii kanaa magaalaatti ol deebi’uun namoota nagaa ajjeesaa turuu maddi keenya aanaa Jalduutii Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himeera.

 
Akka maddi keenya kun himetti maanguddoo biyya obbo Dheeressaa Gonfaa kan jedhaman magaalaa Goojjoo keessa daandii irra osoo deemanii gaaffi tokko malee karaadhuma irratti rasaasa itti roobsuun ajjeesan.

Obbo Dheeressaan badii tokko qabaatee osoo hin taane yeroo isaan baqatanii gara magaalaatti deebi’an karaa irratti waan argeef qofa ajjeesan.

Maanguddoon kun nama bilchaataa uummataa fi maatii isaa keessatti jaalalaa fi nama kabaja qaban ture.
 
Gama Biraatiin sa’aatuma sanatti daa’ima umrii 12 Jootee Abbaa Lafaa jedhamu waraanni PP baqatanii magaalaatti yeroo deebi’an argee lubbuu isaatiif baqatee gara mana maatii isaatti galuuf osoo kaatuu ‘Piistoo’dhaan mataa dha’uun ajjeesanii bira darban.
 
Aanaa Amboottis faashistoonni sochii goochuun ganda Gorfofaatti kan rukutaman yoo ta’u humni reebuuf qubsuma Jirmaatii ba’e ganda Ta’ee Saaqaatti mana qotee bulaa Oromoo obbo Bokee Gosaa qabeenya mana keessa cufa waliin abiddaan barbadeessan.

Maddi keenya aanaa Ambootii Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf akka himetti obbo Bokee Gosaa hoolota osoo tiksaa jiruu waraanni bilxiginnaa itti dhufnaan yoo lubbuu isaa oolfachuuf dheessu hoolota 50 jalaa dachaafachuun mana isaatii TV, Soolaarii, diishii fi mi’oota qaalii erga saamanii mana isaatti abidda qabsiisuun jalaa guban.

Obbo Bokeen maatii 8 kan jiraachisan yoo ta’u yeroo ammaa maatiin isaanii da’oo , uffannaa fi soorata malee hafanii jiru.

Kana malees ganduma kanatti guyyaadhuma kana obbo Suufii Galaa jalaa sangoota afurii fi sa’a tokko fudhachuu maddi keenya kun himeera.

 
Bifa haaloo ba’iiinsaatiin dararaan uummata keenya irra ga’aa jiru daran hammaatadha kan jedhan maddootni keenya kunniin  hanguma qabsoon Oromoo jabaacha deemu roorroon uummata keenya irra ga’us dabalaa waan deemuuf uummanni walii fi qabsoo Oromoo ABO-WBOn godhamaa jiru cinaa hiriiree sirna qarree kufaatii irra ga’e kanatti xumura haa goonu jechuun dhaammataniiru.

Exit mobile version