Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Shaggar Aanaa Ambootti waraanni faashistii Abiy Ahmed mana qotee bulaa tokko gubuun qabeenya mana keessa hunda saame

Lixa Shaggar Aanaa Ambootti waraanni faashistii Abiy Ahmed mana qotee bulaa tokko gubuun qabeenya mana keessa hunda saame

ONM-ABO 12 Amajjii 2023 Duula ijibbaata jechuun sirni qarree kufaatii irra daaddisu erga labsee qe’een Oromoo boo’ichaa fi gadda keessummeessa jira.
 
Amajjii 10, 2023 lixa shaggar aanaa Amboo ganda Gomosaa Saaxoottii wotee bulaa tokko jala mana sadii gubuun qabeenya isaa saamu maddi keenya himeera. Akka maddi keenya ganda sana irraa arraata Biyyolessa Oromiyaatti himetti qotee bulaa Obboo caalumaa Gaaddisaa abbas ijoollee 14 yoo ta’an ganama subiidhaan dhukaasa ciccimaa itti roobsuun maatii manaa baqachiisan.
 
Mana Maaatiin waan qabu cufaa dhiise baqatetti erga marsanii qabeenya mana keessa kan saaman saamanii erga jedhanii midhaan xaafii maasii keessa mana irratti guuruun abidda itti qabsiisuun mana sadii abiddaan guban.
 
Mana abiddaan gubuu malees horii gaafa kan elmamtu shan jabbilee ishee waliin, jibootaa fi goromsa sangaa tokko waliin 8, hoolota 6, fi farda tokkos fudhachuu maddi keenya kun himeera.
 
Saamichii fi dararaan bifa kanaan uummata aanaa Amboo, Ilfata, Cobii fi Gindabarat irra gahaa jiru hamaa yoo ta’u uummatni keenya fi median Oromoo sagalee nuufa ta’uu jechuun dhaamsa isaani qoodaniiru.

Exit mobile version