Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar Aanaa Ilfataatti humnoonni goolessituu PP qotee bulaa Oromoo tokko ajjeesan

Godina Lixa Shaggar Aanaa Ilfataatti humnoonni goolessituu PP qotee bulaa Oromoo tokko ajjeesan.

ONM-ABO Hagayya 6,2022-Koloneel Abiy Ahimed dabballoota Shiimallis Abdiisaa waliin qindaa’uun ilmaan Oromoo guyyuu ajjeesa oolu.

Godina Lixa Shaggar Aanaa Ilfataa ganda Bitaacha Lukkuutti kaleessa Hagayya 5,2022 Waraana Bilisummaa Oromoon rukutamuu isaaniitiin haaloo bahiinsa nama nagaa irratti raawwatan.

Namni nagaan kun qotee bulaa obbo Cunnee Kumsiisaa kan jedhamu yoo ta’u hojii qonnaa irra osoo jiruu ooyiruu isaa keessaa waamanii sababa tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesuu isaanii maddi keenya ona Ilfataa ganda Bitaacha Lukkuutii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himeera.
 
Akka maddi keenya kun himetti obbo Cuunnee Kumsiisaa ga’eessa waggaa 50 yoo ta’u hawaasaa fi maatii isaa biratti nama jaalalaa fi kabajaa qabuudha.

Obbo Cunneen waanuma Oromoo ta’eef qofa ooyiruu isaa keessaa baafamee ajjeefamuu himuun ilmaan Oromoo eessayyuu haa jiraatanii Waan Oromoo taa’aniif ajjeefamuun akka hin hafne kaasuun falli jiru jabaannee qabsaa’uun sirna kanatti xumura gochuudha kan jedhan jiraataa lixa Shaggar ona Ilfataa ganda Bitaacha Lukkuuti.

Exit mobile version