ONM – ABO Bitootessa 9, 2024
Siyaasa impaayera Itoophiyaa keessatti uummatni Oromoo hunduu paartii bilxiginnaa deggeruu baannaan yakkamaa ta’ee yeroo mul’achaa jiru kanatti, namootni hunduu maqaa ergama WBO fudhattee socho’aa jirtaan ajjeefamuu qabee hanga dhabamsiifamuu irra ga’ee mul’achaa jira
Bifuma kanaanis Bitootessa 7, 2024 jiraataa godina lixa Shaggar aanaa Amboo ganda 04 kan ta’e dargaggoo maqaan isaa Geetuu Tolosaa jedhamu dhibee dhukkuba sammuu dhukkubsachuu irraan kan ka’e mana barumsaa isaa addaan kutee kan ture, maqaa ergama WBO’n socho’aa jirta jedhuun qabamee eessa buuteen isaa dhabamuun dhaga’aame
Dargaggoo Geetuun erga humna milishaan qabamee mooraa poolisii farra riphee lolaa kan naannoo buufata konkolaataatti argamuutti geeffamee booda, yeroo dheeraaf dararaan irratti raawwatamaa fi humnoota kanaan itti qoosamaa akka tures dabaluun dubbatu
Guyyuma qabame kanas sa’a 12:00 booda mana hidhaa irraa erga baafamee kaasee hanga ammaatti hin argamin jiraachuunis beekameera.

